Ga’ee hojii Guddina Hafuuraa
koreen kun luba duree waldaan kan durfamuu tahe hojiilee armaan gadi rawwata
1. Dubbii Waaqayyoo barsiisuu
- Qorannoo Macaafa Qulqulluu qopheessuu fi geggeessuu.
- Barumsa amantii sirrii fi bu’uuraa barsiisuu.
- Miseensonni Macaafa Qulqulluu akka dubbisan jajjabeessuu.
- Barumsa sobaa irraa waldaa eeguuf barsiisota waliin hojjechuu.
Caqasa:
“Dubbichi Kiristoos keessa keessan haa baay’atu.” — Qolosaayis 3:16
2. Jireenya kadhannaa cimsuu
- Sagantaa kadhannaa dhuunfaa fi waloo qopheessuu.
- Torban kadhannaa, soomaa fi kadhannaa addaa gaggeessuu.
- Miseensonni jireenya kadhannaa akka qabaatan leenjisuu.
- Rakkoo fi fedhii waldaa irratti waliin kadhachuu.
Caqasa: 1 Tasalonqee 5:17 — “Yeroo hundumaa kadhadhaa.”
3. Guddina jireenya hafuuraa miseensotaa hordofuu
- Namoonni haaraan amantii keessatti akka hundeeffaman gargaaruu.
- Miseensota dadhaban, abdii kutatan ykn waldaa irraa fagaatan bira dhaquu.
- Maatii fi namoota dhuunfaa jajjabeessuu.
- Guddina amantii miseensotaa madaaluu fi deeggarsa kennuu.
Caqasa: Efesoon 4:15 — “Jaalalaan dhugaa dubbachaa, waan hundumaan gara isa Kristos ta’eetti guddachuu.”
4. Leenjii bartisummaa Kiristaanaa
Koreen:
- Bartummaa Kiristaanaa
- Kadhannaa
- Dubbisa Macaafa Qulqulluu
- Jireenya qulqullummaa
- Araara fi dhiifama
- Jaalala
- Itti gaafatamummaa Kiristaanaa
- Dhugaa ba’uu
irratti leenjii qopheessuu qaba.
5. Dargaggootaa fi daa’imman hafuuraan guddisuu
- Sagantaa dargaggootaa qopheessuu.
- Bible study fi youth fellowship cimsuu.
- Daa’immanitti amantii bu’uuraa barsiisuu.
- Dargaggoonni tajaajila waldaa keessatti ga’ee akka qabaatan carraa kennuu.
6. Gareewwan xixiqqoo fi fellowship cimsuu
Koreen gareewwan akka:
- Fellowship maatii
- Garee kadhannaa
- Bible study
- Youth fellowship
- Dubartootaa
- Dhiironnii
- Garee daawwannaa
sirnaan akka hojjetan qindeessuu fi hordofuu qaba.
7. Daawwannaa fi jajjabeessa
Namoota:
- Dhukkubsatan,
- Gadda keessa jiran,
- Maatii rakkoo keessa jiran,
- Maanguddoota,
- Warra waldaa irraa fagaatan,
daawwachuu fi kadhannaadhaan jajjabeessuu.
Caqasa: Roomaa 12:15 — “Warra gaddan wajjin gaddaa.”
8. Lallabaa fi wangeela babal’isuu keessatti hirmaachuu
- Miseensonni Yesuusiin akka dhugaa ba’an leenjisuu.
- Sagantaa evangelism qopheessuu.
- Namoota haaraa gara waldaa fiduu.
- Naannoo waldaa keessatti hojii wangeelaa deeggaruu.
Caqasa: Maatewos 28:19–20.
9. Jireenya qulqullummaa fi tokkummaa eegu
Koreen:
- Jaalala obbolummaa,
- Dhiifama,
- Araara,
- Gad of qabuu,
- Tokkummaa,
jajjabeessuu qaba.
Caqasa: Efesoon 4:3 — “Hidhaa nagaa keessatti tokkummaa Hafuuraa eeguuf dhama’aa.”
10. Koree hojii mootummaa waldaa waliin hojjechuu
Koreen Hafuuraa hojii isaa kophaa isaa osoo hin taane:
- Qondaaltota waldaa,
- Paastaroota,
- Diyaaqonota,
- Barsiisota,
- Koreewwan biroo
waliin qindoominaan hojjechuu qaba.
