SEENAA, MUL’ATA, ERGAMA FI DUUDHAALEE WALDAA AMANTOOTA MAKAANA YESUS AFAAN OROMOO ADAAMAA

Seenaa
WAWWMY Afaan Oromoo Adaamaa bara 2000 A.L.I tti kan bu’uureffamtedha. Waldattiin ergama wangeela Kiristoos magaalaa Adaamaa keessatti fi naannoo isheetti waldoota qaama ishee ta’an biroo wajjin hojjechuu irratti argamti.
Seenaa Waldattii
Bara 2000’n dura magaalaa Adaamaa keessatti Afaan Amaaraatiin alatti afaan kan biraan waaqeffachuun baay’inaan hin turre. Garuu yeroo garagaraatti namoota garagaraatiin magaalaa kana keessatti iddoon waaqeffannaa afaan Oromootiin dhaabbachuu akka qabu sagaleen raajii Waaqayyo biraa bahaa tureera. Haaluma kanaan waldaan kun ‘Waldaan Makaana Yesuus Afaan Oromoo Adaamaa’ har’aa kun wantoota kanaa olitti eeramanitti dabalee fedhii fi kaka’umsa namoonni dhuunfaa muraasni kolleejjii garagaraa irraa eebbifamanii fi sababa hojiif gara magaalaa kanaa (Adaamaa) dhufan afaan dhaloota isaaniin waaqeffachuuf qabanis sababa taasisuun Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa ganda 09 (yeroo ammaa Irreecha jedhamu) keessatti Onkoloolessa 09 bara 2000 A.L.I. Sanbata Duraa Sa’aa 9:00tti mana nama dhuunfaa (mana Obbo Rufaa’el Leencaatti mareedhaan jalqabame. Namootni guyyaa jalqabaa mareedhaan hundeeffama waldattiif bu’uura kaa’an afuran kunniin 1ffaa Obbo Dassaalany Jaallataa, 2ffaa Obbo Ruufaa’el Leencaa, 3ffaa Obbo Yakkaatiit Ayyaanaa fi 4ffaa Obbo Indaalee Booboo jedhamu. Gaafa torbanii jechuunis gaafa guyyaa 2ffaa (Onkoloolessa 16/2000 A.L.I.tti) Sa’aa wal-fakkaataa 9:00tti namoota kudhan ta’uudhaan sagantaa waaqeffannaa taasifame irratti sagalee Waaqayyoo Macaafa Iyyoob 8:7 “Jalqabni kee gadi deebi’aa yoo fakkaateyyuu dhumni kee immoo baay’ee guddaa ni ta’a” kan jedhu dubbifamee erga kadhatamee booda, koree namoota sadii of keessaa qabu 1ffaa Obbo Dassaalany Jaallataa – Dura bu’aa, 2ffaa Obbo Faqaaduu Turaa – Barreessaa fi 3ffaa Obbo Yakkaatiit Ayyaanaa – Qarshi qabaa, taasisaniifilachuudhaan “har’aa kaafnee nuti Waldaa Makaana Yesuus taaneerra” jechuudhaan buusii qarshii digdamii sadii (23.00) buufachuun eegalame. Waqeffannaa ji’oota muraasaa booda dhiibbaa alaa itti dhufu ofirraa ittisuuf akka ishee gargaaruuf bakka lallabaa isaanii godhanii akka fudhataniif namoota 38 mallatteessisuun, gaafa 10/05/2000 gara Waldaa Makaana Yesuus Amantoota Biiftuu Booleetti iyyata dhiyeessuun bakka lallabaa isaanii taasisanii akka fudhatan gaafatan. Turtii yeroo muraasa boodas Waldaan Amantoota Biiftuu Boolee gaaffii waldattii kanaa deebisuun bakka lallabaa ishee taasistee fudhatte. Hamma of dandeessee waldaa taatuttis bakka lallabaa WAMY-Biiftuu Booleetti ta’uun adeemsa itti fufte.
Waldaan kun yeroo hundeeffamte irraa eegalee Waggaa tokkoof mana nama dhuunfaa biiroof qofa kireefachuudhaan iddoo waaqeffannaa mooraadhuma kana keessatti mijeessuun waaqeffachaa erga turtee booda mana amma qabeenya waldattii ta’e kana Aadde Liidiyaa Abirahaa irraa ji’atti qarshii 1,000.00 (kuma tokkoon) kireeffattee itti galte.Waldaan har’a sadarkaa kanarraa geessee jirtu kun waggoota jalqabaa lamaa fi ji’a torbaaf (7) bakka lallabaa taatee sirna waaqeffannaa ishee geggeessaa turte. Kana booda baay’ina miseensa amantootaa waliigalaa 188 Sinoodosii giddu Galeessa Itoophiyaatti galmeessuun of dandeessee, Caamsaa 22/2002 gara waldaatti guddatte. Kanumaan erga of dandeessee waldaa taatee booda, walgayii idilee jaarsolii waldaa kan jalqabaa gaafa 28/09/2002 miseensa koree jaarsolii torba keessaa shan bakka argamanitti adeemsifamuun hojii ishee ifaatti jalqabde.
Kaayyoon jalqabaa waldichattii, namootni sababoota garagaraatiin gara magaalaa Adaamaa dhufanii fi jiraatan Afaan dhaloota isaaniitiin (Afaan Oromootiin) waaqeffachuun, namoota magaalaa Adaamaa fi naannoo ishee jiraatan kanniin Gooftaa hin qabne gooftaa akka beekaniif wangeela itti lallabuu akkasumas warri Gooftaa beekan immoo akka jajjabaatan taasisuun mootummaa Waaqayyoo keessaa qooda akka qabaatan karaa agarsiisuu yeroo ta’u; Mul’atni ishee immoo Magaalaa Adaamaa fi naannoo isheetti Waldaa Makaana Yasuus karaa maraanuu adda taate dhaabuu fi Afaan dhalootaa (Afaan Oromoon) waaqeffachuun akkasumas wangeela lallabuun qajeelaa fi qulqulluu akka ta’e namoota hubachiisuun namoonni jireenya barabaraatiif akka qophaa’an taasisuun namootni mootummaa Waaqayyoo keessatti baay’atanii arguu ture. Karaa kan biraatiin immoo jiraachuun sabakaa mul’ata waldattiin qabdu akka deggeru waan itti amanameef bu’uureffamuu Sabakaa Hawaas keessatti abbummaadhaan waldootii naannoo ishee jiran shan waamuudhaan ga’ee geggeessummaa bahachuun hojjetteetti.Itti dabaluudhaanis yeroo sana waamamni waldattii yeroo kallattiidhaan Sinoodosii giddu Galeessa Itoophiyaa waan tureef Sinoodosii Afaan oromoo amma hundeeffamuuf deemamaa jiru kanaaf yeroo adda addaatti Finfinneetti deddeebi’uun maree isaa irratti hirmaachuun qabatamaan Sinoodosichi akka hundeeffamuuf ga’ee ishee bahachaa turte
iddoo waaqeffannaa amma itti fayyadamaa jirtu kana hirmaannaa amantootaa qofaan qarshii 750,000 (kuma dhibba torbaa fi shantama) walitti qabun lafa bal’ina 349m2 (karee 349) qabu bitachuun qabeenya dhuunfaa waldattii gochuun danda’ameera
Mul’ata
Ergama
Duudhaalee
Mul’atni waliigalaa waldaa kanaa Magaalaa Adaamaa fi naannoo isheetti hawaasni argaman wangeela mootummaa Waaqayyootti amananii fayyan arguu yeroo ta’u,
Amantoota: Jireenya hafuuraa isaanitti dammaqoo, Dinagdee fi hawwaasummaadhaan kan milkaa’an qabaachuu Iddoo waaqeffannaa gama hundaan mijate qabaachuun, hojii hafuuraatti guddattee fi milkoofte arguudha.
Ergamni waldaa Kiristaanaa, wangeela Mootummaa Waaqayyoo dhaloota hundumatti lallabuun, barsiisuu fi cuuphuun duuka buutuu Kiristoos taasisuu fi gara Mootummaa Waaqayyootti namoota fiduudha.
- JAALALA
- AMANTII
- DAAQOONIYAA
- DUUKA BUUTUMMAA
- DHUGA BAATII
